01/05/2026
Ajandaan keenyi guddaan guyyaa har'aa harmee boonii gargaaruu ta'uu qaba.
Haa ta'u malee garuu ammayyuu namoonni baay'een kaan Raachee irraa haasoftu, kaan waa'ee videon baduurraa haasoftu, kaan waa'ee josy haasoftu, kaan waa'ee konkolaataa boonii haasoftu. Hundumti isaayyuu gaariidha, garuu ammaaf kan baay'ee fayyadu haadha boonij gargaaruudha, dhimmi raachee fi dhimmoonni biroo biroo baay'ee barbaachisummaa hin qabani, bu'an kanarraatti haasa'uu irraa argamus hin jiru,
Dhimmoota akkas akkasii irratti waan nuti social media irratti haasofnu homaa bu'aa hin buusu. Ofumaama walitti waccinee yeroo walii gubuudha,
Waa'ee haqa boonii fi sababoota du* * a booniis kan qoratu seeradha, inni nuti asirraa haasofnu mataa wal dhukkubsuu fi ajandaa walii uumuuf qofa fayyada, gaaffii tokko qofa isiniin gaafadha socia media irratti ajandaa guddaa gootanii dhugaa eenyuu baaftanii beektuu? Kan sora abdataa, kan athlet galate burqa, kan simboo mucaa xiqqoo gudeedamtee , kan haacee Artist keenyaa, kan qananii adunyaa, kan mo'ii baqqalaa , kan jaal battee, kan Ayyaantu intala naqamtetti f@**nnifamtee, kan mo'ii baqqalaa..... fi kkf mee dhugaa eenyuu media irratti ajandaa goonee baasnee beeknaa ? So ofumaa ofitti wacuudha, waan isin hubachuu qabdan seerri seeradha, isin ho'istaniif hin ho'u, isin qabbaneessitaniif hin qabbanaa'uu, seerri waan qorachuu qabu hanga dhumaatti qoratee ni sirreessa, dhimma raachee irratti ajandaa godhanii haasaa'uun immoo sirriimayyuu miti, Nan wallaale jechuufis nan beeka jechuufis mirga qaba, waan jedhe sana maaliif akka jedhe isatu beeka, mee as keessatti waa'ee raachee irratti haasaa'uun bu'aa maal booniif buusaree?
Isinumti warri ajandaalee ani armaan oliitti kaase kanarraa warri hasa'aa ooltan koottaa isa faayidaa hin qabne dhiisne isa fayyadaa qabu deeggarsa harmee bonii irratti haa haasofnu.
Oduu bay'isuu dhiisaatii qarshiima kudhan illee haa taatu gargaaraa, Iddoo qub-nagara akkas akkasii hin jirtu taanaan inni ati yeroo 10 fi 20 oduu qofaa post gootu wal arsuu qofaaf fayyada.
Wanti ammaaf bu'aa buusuu haadha boonii gargaaruudha, haatii boonii intalashee qarooshee dhabde, nuti guyyaa 40 booda boonii irraanfanneerra haati boonii garuh gubataa hafu, yooma waan biraa dhiisne haadha boonii akka haadha keenyaatti haa yaannu, booniin yeroo lubbuun jirtu lafa gargaarsaa irraa xiqqoollee taati malee otoo hin kenniin haftee hin beektu, kan isheen kennaa turte qabaarreetu miti gara laafummaa fi namummaafidha malee, karaa keessaammoo isuma hin qabnettaa nama hedduu gargaaraa oolti, maarree yoo sa'atii kana onneema booniin ittiin nama gargaaraa turte sana qabaannee yoo nutis haadhashee gargaarre.
Waan baay'ee miti qarshii tokkollee yoo ta'e haadha kanaaf bu'aadha, akkamitti akka jiraataa jiran warra ollaa haadha kanaa jiraatantu beeka.
Waan hin fayyannerraa haasaa'u dhiisaatii harmee kana deeggaraa.