02/10/2026
Sababa Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneef, daandiiwwan murtaa’an konkolaattotaaf ni cufamu.
Oduu Waliif TV ( Sadasaa 1/2026) Finfinnee
Qajeelchi Ol'aanaa Poolisii Finfinnee sababa Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 23, 2019 A.L.I. magaalaa Finfinneetti kabajamuun, daandiiwwan murtaa’an konkolaattotaaf akka cufaman beeksiseera.
Fulbaana 22, 2019 A.L.I, sa’aatii 4:00 irraa eegalee hanga sagantichi xumuramutti,
◉ Magganaanyaa irraa gara Addabaabaayii Masqalaa(Addabaabaayii 22 ykn Goolaagol irraa fi jalaan)
◉ Riqa Adwaa irraa gara Gamoo Zarihuun fi gara Addabaabaayii Qidduus Uraa’eel(Daandii qaxxaamura Gamoo Zarihuunitti)
◉ Ibsaa tiraafikaa Atilaas irraa gara Addabaabaayii Qidduus Uraa’eel ( ibsaa tiraafikaa Pikookitti)
◉ Riqa Boolee Ruwaandaa irraa gara Addabaabaayii Masqalaa (Addabaabaayii Wolloo safarii, irra fi jalaan)
◉ Addabaabaayii Gaazeboo ,duuba Gamoo Dambal irraa gara Filaamingoo, akkasumas Addabaabaayii Gaazeboo irraa, karaa haaraan gara ibsaa tiraafikaa Lagahaar.
◉ Bakka qubannaa Taaboota Qidduus Qirqoos irraa gara ibsaa tiraafikaa Lagahaar (ibsaa tiraafikaa bakka qubannaa Taaboota Qiddus Qirqoositti)
◉ Daandii qaxxaamuraa Birhaan Itoophiyaa duraani irraa karaa isa haaraan gara bataskaana Qiddus Qirqoos(Daandii qaxxaamura Birhaan Itoophiyaatti)
◉ Daandii qaxxaamura gamtaa Afrikaa Qiddus Mikaa’eel irraa gara Addabaabaayii Meeksikoo(Daandii qaxxaamura gamtaa Afrikaa Qiddus Mikaa’elatti)
◉ Ibsaa tiraafikaa gamtaa Afrikaa irraa gara Addabaabaayii Meeksikoo.
◉ Addabaabaayii Mana Murtii Ol'aanaa irraa gara Addabaabaayii Meeksikoo.
◉ Warshaa Araqee Meeksikoo irraa gara Addabaabaayii Meeksikoo(Daandii qaxxaamura Warshaa Araqeetti).
◉ Daandii qaxxaamura manneen 40/60 Sangaa Taraa irraa gara ibsaa tiraafikaa Sangaa Taraa (daandii qaxxaamura manneen 40/60 tti).
◉ Ibsaa tiraafikaa Gommaa Quxxabaa irraa gara Tiyaatira Biyyaalessaa.
◉ Waajira Meetirooloojii irraa gara ibsaa tiraafikaa mana Poostaa(Meetrooloojii irratti).
◉ Sheelii Xiquur Anbessaa irraa gara ibs