09/10/2023
Kan kufe barataa osoo hin taane sirna barnootaa biyyattiiti.
845,000 keessaa 27,267 yoo darbu
817,733 ykn 96.8% kufe jechuun barataa guututuu kufe jechuudha.
Kuun biyyaaf kisaaraa guddaadha. Ani waan akkanaa addunyaa irratti dhagahee hin beeku. Biyya kana keessatti qulqullina barnootaa mirkaneessuun barataa osoo sirnaan hin barsiifne qormaatan kuffisuun qulqullina barnootaa ni fida jedhee ani hin amanu. Qulqullina barnootaa fiduun yoo barbaadame dursa gahumsa barsiisotaa madaaluu, manneen barnootatti ulaagaa barbaachisaa guutuu, kutaa 1ffaa irraa eegaluun barataan dandeettii qabu qofti gara kutaa itti aanutti akka darbu gochuu. Barataan gahumsa qabu qofti hanga kutaa 12ffaa barachuu akka dandahuufii inni kuun immoo umrii isaa guutuu barnootatti gubuurra filannoo biroo akka barbaadatu gochuutu furmaata taha jedheen amana. Manneen barnootaa barattoota qormaataaf dhiyeessan 3,106 keessaa 1,328 barataa tokkollee dabarsuu dadhabuun rakkoo barataati jedhee hin amanu.
Barataan hammanaa kufuun dadhabina qabaatee osoo hin taane imaammata barnootaa dadhabaa irraa rakkoo madde jedheen fudha.
Haala amma deemaa jiruun carraan ijoollee hiyyeeyyii kan haala mijataa hin qabnee hedduu yaaddessaadha. Rakkoo ijoollee qofa osoo hin taane rakkoo biyyaas tahuu mala sodaa jedhun qaba